OROMO MEDIA
 

WELCOME TO OROMO MEDIA

OM-TV

OM-TV-9-15-2012

Bu'urri Oromomedia Oromiyaa walaboomsuudha Kaayoo Siyaasaa


Hundeen kaayoo Oromomedia mirga ummani Oromiyaa hiree ofii-mataa-ofiitiin murteeffachuuf qabu daangaa tokko malee hujii irra oolchuuf sirna kiyoo-gabrummaatii fi Impaayera Itoophiyaa diiguudhaan, ummata bilisaan, biyya walaba keessatti mootummaa birmaduu dimokraa-tawaa ummata Oromiyaa (Independent Democratic Republic of Oromia) utubuudha. Mirgi hiree ofii-mataa-ofiitiin murteeffannoo fi mirgi dimokraasii ka saba tokkoo calla osoo hintayin mirgoota sabaa fi imammatoota addunyaa guutuu waan ammatuuf mirgoonni kunneen qabiyyeen isaani idilee addunyaa (universal) jedhee ammana Oromomedian.Imaammaanni bareeffama fuul kanaa, waayee ummata Oromoo, qabsoo, lafaa fi aadaa isaa gabaabatti dubbiftoota hubachiisuudha. Bittaa gabrumma Tophiyaa jalatti rakkoo ummata Oromoo mudate, akkasumattis, qabsoo bilisummaaf geggeeffame keessatti miidhaa uumame bal’inaan kitaabotarraa dubbisuun ni danda’ama.

Ummata Oromoo fi Aadaa isaa

Ummatoota Gaafa Afrikaa qubatan keessaa Oromoon ummata lakkofsaan heddummina qabu. Ummata Impaayera toophiyaa ka miliyoona 85-tti tilmaamamu keessaa Oromoon gara miliyoona 45 haga55-ti.
Ummatoota heddumeenna quddaa qaban kanneen ardii Afrikaa keessaa Oromoon tokko ta’us, hawaasa addunyaa baay’e biratti hin beekamu. Maqummaan Oromoo jedhuyyuu beekamuu dhabuun isaa haalaan qaddisiisaa ta’us, sochiin ilmaan Oromoo gochaa jiran ilaalcha kana haqee jijjiira jenne amanna.
Ummatni Oromoo saba gara dhuma jaarraa 19-ffaa keessa koloneeffataa qurraachaa Afrikaa – Abisiiniyaa ka humnoota Awuroophatiin tin’ifameen gabroofame. Biyyoota Afarikaa kanneen akka Somaalee, Kenya. Sudan fi kan biros jaarrama kana keessa humnoota Awuroophaatiin gabroomfamuun isaanii beekkamaadha. Haata’u malee, sabni Oromoo saba gurraacha adii hin taaneen gabroofamuun isaa, akka hawaasaa addunyaa biratti hin beekamne taasise. Akka sabni kunis rakkinnaa isaa kana hin ibsanne haguuge.

 

 

tennisplayerbattle.com